31 Temmuz 2009 Cuma

GAAFATTİİ CALANQOO(KUTAA 2)



...Gaafa sirna gadaa gaafa bilisummaa,
Wal dhimuu hin turree hundi walabumaa,
Namuu dandeeyyiidhan madaalamaan yaamamaa,
Angoonis filmaataan qondaalli muudamaa,
Abbaan bokkuu, abbaan biyyaa, mataan biyya tanaa,
Ummataan filamee mootummaa hogganaa,

Yoo yeroo isaa fixees siree irratti hin diduu karaarraa hiiqaafi,
Oromoon Oromoo gosaan walin caaaluu,
Sabummaa saa malee naannoon walin filuu,
Dandeeyyii isaatii kan isa madaaluu,

Gaafas amantiinis yoom adda addaa,
Gaafas amantiinis yoom addaan duullataa,
Takka amantiinsaa waliin Waaqeffataa,

Gaafa sirna gadaa gaafa dimokraasii,
Abaabuun keenya sun Oromoon gaafasii,

Rakkoon qaban turan rakkoodhaaf hin uumnee,
Lafti Oromiyaa tan copxuu hin guunee,
Shanan gannaa dhiisii tan bonaa hun caamne,
Dachii qotee dhiisii beeyladaa horsiifatee,
Firii mukaatiinuu ni waara guurratee,

Masaanuun isaanii kanuma laalanii,
Bosonaa fi laggeen albuuda isaanii,
Durooma Oromootaa quudhuudhaaf didanii,
Hiyyummaa saaniitiin wal maddii qabanii,
Badhaadha Oromiyaatti hinaafanii,
Sobanii qeenfachuuf jabotti yaadanii,
Jaarmaya Oromootaa goguu dadhabanii,
İfirraa itti duulan Eeboo qoratanii,

Oromoon goototaa kamoohameen gallee,
Maalummaa Oromoo numan beyne malee,
İttiin duula silaa ni gunatan malee,

Takarrallee lamaa, lamarrallee sadii,
Jihaa hundaanuu asiis achiinis,
MATAYYAANİS tahaa dirmachuu wajjiiniis,
Oromotti duuluuf wardaa buqqaasanii,
Cabaniiti galan qaanii mudatanii,

Oromtichi arjaa kadhatanii dhiisii beeke namaa laataa,
Niis gamna Oromoon obsaas ni guddataa,
Naman tuqu malee hin oggolu tuqan oggolchee dhoorkataa,
Ragaa dubbii tanaa isaanuu ni beekan seenaatu dubbataa,

Oromoon dureessaa isaan caalaa qabaa,
Tanaaf hundi saanii hiyyoomsuuf gaggabaa,

Oromoon quufaadhaa isaan ni gororan,
Tanaaf martisaanii ilkee ciniinnatan,

Oromoon hin xuuynee isaantu itti duulee,
Oromoon hin dheynee isaantu isaanitti duulee,
Kamurruq tahe ammaas isaanuma ammallee,
Oromoon hin dhaynee isaantu itti dhufee,
Warra dhufe keessaa wayyabni isaanii karaa irratti hafee,
Warra dhufe taatuus yoom takkaa rafee,
Sammuun beelan baanee qochumaa isaanii garaa qofaa quufee,

Oromoon Oromoo isaaniis isaanii,
Masaanuun Oromoo garaa jabaatanii,
Naasuu ittin uumnee busaawaa daranii,
Laalan miilli lamaa nama fakkaatanii,
Gochi isaanii immoo bulbullee daranii,

Namni nama tahuun namummaa qabaatuu,
Nama hin ju'uun ani walleenuu ni buttuu,
Warri qarrinfoodhaa kafoon namaa nyaatu,
Dhiiga dhugduun balaa kan mama qeenfatu,
Warra miilli saanii osoo dachiin jirtuu namarra ajjatu,
Warra jechi saanii harka saanii daran dhiiysee nama laaleysu,
Ka'arrabni saanii lafee nama cabsuu,

Qaamni xoolaqiidhaa miilli saanii lamaa,
Hangullaan bineensaa qaamni gubbaa namaa,
Uumaan akkanaa kun isaan kun Eeenyumaa?

İsaan isaan jannee maa rakkannaa mitii,
yoon hime hoo maali kaleen arraa mitii,

Oromoota Walloo isaani ka gatee,
Warqituu mastawaat siree isiirraa kaatee,
Oromoota Shawaa kamooraa Guullallee,
Naasuu takka malee isaani ka qalee,

Neeqaa Qeellanii fi ka İlluu Abbaa Boor,
İsaani ka diige masaraa Abbaa Jifaar,

Dargaggoota Baalee ka harka irraa ciree,
Dubartoota Arsii ka harma irraa muree,
İsaani AANOOLEE kafafeysee haree,

Booddee maayyiirrattis ka dhiiga nu dhiman,
Bar dhibbaa akka arraa kan nu qaqqalan,
Gaafattii Calanqoo abbootii Oromoo bakki itti gorra'an,
CALANQOO CALİİDHAA dirree tana kunoo bakki itti nu a'an,
Dirreen tun haa himtuu waan isaan nu godhan,
Seenaa saati malee himee dandayu an.........................(İTTİ FUFA KUTAA 3)







Blogger Buzz: Contribute Gadgets to Blogger

Blogger Buzz: Contribute Gadgets to Blogger

30 Temmuz 2009 Perşembe

DİRRE DHAWA

mosque of italia(masjiida xaaliyan)

ALİ BİRRA,

Dirre dhawa airplane centerkafira(QAFİRA)

railway



LOCATİON: Dirre Dhawa located in the easter part of Oromiya, it is part of Hararge.İt is the second largest city of Oromiya after Finfinne(the capital city of Oromiya).

POPULATİON:The Oromo population is the largest population in Dire Dhawa which is more than 60% despite the current immigration of pastoralist somalis and some ethnic group in need of food and shelter.
LANGUAGE :Afan Oromo is the most dominant language both in rural and city center despite unfair use of Amharic as the official language.Because of using Amharic language in government offices and court,the Oromos in Dirre Dhawa are in great difficulty for not knowing Amharic language. So what is the motive behind using Amharic language in the dominated city of Oromo? İs that the policy of amharization or Nasizm?


Dirre Dhawa is the city in Hararge region,Ethiopia. İt is a commercial and industrial center located on the Finfinne - Djibouti railroad. Manufactures include processed meat,vegetable oil,textiles and cement. There are railroad workshops in the city.


CULTURAL HERİTAGE AND TOURİSM:The city has cultural as well as modern tourist attraction sites. These include Laga Oda cave and mural paintings, Goda ajewa, Hunkuftu cave and others.

TOURİSM:

1/The remains or the British airmen and African soldiers who, during the second World War, fought besides the ethiopian forces to liberate Ethiopian from İtalian occupation.

2/The railway line that reached Dirre Dhawa in 1902 is believed to have been the reason the city came into being in the first place. That is why the railway station is one of the destinations of tourists and other visitors coming to the city.

3/Kafira is a traditional market place where one can see the colourful presentation of Oromo population of the region in their cultural dresses. The presence of camels,donkeys, and the inevitable Gharris,two wheeled carts drown by a horse or a mule gives it an aura of going back to medieval times.

4/İTALİAN MOSQUE:This is one of largest mosques found in the city. İt is called İtalian mosque because the İtalians built it during their short- lived occupation of ethiopia.


THE MOST FOMOUS PEOPLE İN DİRRE DHAWA:

1.ALİ BİRRA
Ali Birra is a famous Oromo singer, composer,poet in the Horn of Africa.He is one of the Oromo nationalist. He was born in Lagaharre village in the city of Dirre Dhawa,Oromiya.

2.AHMED A. MUDE
Ahmed Abdullahi Muude was born in Dirre Dhawa. After completing elementery education in Oromo muslim school( madrasa al jadiidah), and juniour secondary education at Mekonnen secondary school, he became a professional soccer player

Ahmed Muude was one of the few Oromo nationalists who took part in pan-oromo national consciousness movement in the 1960s in the city of Dirre Dhawa. When Oromummaa (nationalism) was at its infancy, Ahmed Muude was the leader and pioneer of the "Biiftu Ganamaa" musical band or Hawwiso-which greatly helped to ignite nationalism in Dirree Dhawa and contributed to the growth of Oromo Music and language.

As a professional soccer player for the "Ethiopian Textile Company" or "Cotton Team" as it is locally known, Muude was a popular sportsman and a role model in the community. Because of his involvement in the nationalist movement, and in order, to escape arrest by the Haile sillase regime; Muude was forced to flee to Somalia.

3.NUHOO GOOBANA
He is also one of the known Oromo singer born in Dirre Dhawa. He is know by his Oromo nationalist song.

4.MAHDİ XİQQAA
He is also called "ALİ BİRRAA XİQQA",small Ali Birra,.He was called "Ali Birra Xiqqaa" for his great potential to be like Ali Birra,the great singer,. He is also born in Dirre Dhawa and contributing his famous song to his people.

Generally Dirre Dhawa is a land of Oromo population both in rural and city center. And it has so many tourist center, and it is suitable for agricultural, industry and investment.İt has also so many historic places. Dirre Dhawa is one of the center of Oromo Nationalism in which so many Oromo nationalist elite,singer,warrior for freedom..etc are originated.

by İBRAHİM MOHAMMED ABDELLA.

29 Temmuz 2009 Çarşamba

YAA BARSİİSAA....!

YAA BARSİİSAA WALLAALAAF İBSAA,
BURQAA BEEKKUMSAA,
MİJJEESSAA HOJİİ HUNDAA,
DUBBACHİİFTUU WARRA DUUDAA,
QAROO BANTUU WARRA JAAMAA,
YAALTUU DHUKKUBA WALLAALUMMAA,

HAA DAGAAGU HOJİİN KAN KEE,
SABNİ HAA QOODDATU OGUMMAA KEE.

YAA JİREENYA



YAA BARSİİSAA WALLAALAF İBSAA,
BURQAA BEEKKUMSAA
MİJJEESSAA HOJİİ HUNDAA,
DUBBACHİİFTUU WARRA DUUDAA,
QAROO BANTUU WARRA JAAMAA
YAALTUU DHUKKUBA WALLAALUMMAA,
HAA DAGAAGU HOJİİN KANKEE,
SABNİ HAA QOODDATU OGUMMAA KEE.

YAA JİREENYA




JİREENYİ ADEEMSAA FİXADHU,
JİREENYİ KAKUUDHAA EEGİ,
JİREENYİ MİİDHAGİNAA DİNQİSİİFADHU,
JİREENYİ SAFFİSAA HORDOFİ,
JİREENYİ XAXAMAADHAA HİİKİ,
JİREENYİ DORGOMMİİDHA MO'ADHU,
JİREENYİ MAADDİİDHAA NYAADHU.

GAAFATTİİ CALANQOO(KUTAA 1)



ADUUN DHİHAN OOLTUU DHİİTEE BARİİN OOLTUU,
YEROON AMMA JİRTİİ TAN FUUL DURA DEEMTU,
AMNA GUULUU MALEE SHİKİFFİLLEEN JATTUU,
SAKANDİİDHAAFİLLEE İF BOODA HİN DEEBİTUU,

BAATİİN Nİ NAANNOYTİİ BARRİ Nİ MARMAARAA,
JAARRAA TOKKO GUUTUU BARA DHİBBA DURAA,
ODUUN QABA DHİİROO SEENAA DUR DABRERRAA,

BARREESULLEE BAATAN GAAFAS BARATANİİ,
KATABUUDHAAS BAATAN HAYYUU YAAMMATANİİ,
ABAABUUN OROMOO WAAN SEENAA GAAFASANİİ,
HİN DAGANNE TAKKAA NUMA DABARSANİİ,
İLMAAN SAANİİTİF,

AKKAAN HUBADHETTUU WALALOO SAANİRRAA,
FAARUU QOTİYYOODHAA TAN WAGGAA SHANYİİRRAA,
DARASHİİ KA'ABAA SHABDOO UUDAATİRAA,
DİRMAMMUU MİRRİİSAA DHEYNAQQO GEYRARAA
ODUUN QABA DHİİROO SEENAA DUR DABRERRAA,

GAAFATTİİ CALANQOO QAWWEE KUUSAAN SAHEE,
AARA QAWWEE SANİİ HURREE ROOBAAN SAHEE,
WAYYAA AFRAN QALLOO WAJJİİN GALLAAN SAHEE,
JA'E JAARSİ DHİİRAA KAN HAFE DU'ARRAA,
BAAYYEE ANAANNATEE HOGGAA HİMU SEENAA,
WAAN İSA MUDATE,

CALANQOO CALİİDHAA LAFEE BOBEESSANİİ,
LAATA EESSA GEESSAN DAARAA LAFEE SANİİ,
LAFEEN DAARAAN QABDUU DAARAAN BARBAADANİİ,
DUBBİİN LAFEE GALTEE MOOJİ GALA SAANİİ,

JE'E JAARSİ KUNİİS DARAN LAALEYFATEE,
GAAFATTİİ CALANQOO CALİİ SAN YAADATEE,
AN GAAFAS WAAN JİRUU AMMUMAAN ARGAMEE,
NADHİİSİİ AABBOONUU EEGASİİ UUMAMEE,
GAAFATİİ CALANQOO MANGUDDOO NAAF HİMEE,
CALANQOO CALİİDHAA AKAAKOON
SİRNİ ABBAA GADAA BAKKİ İTTİ DHABAMEE,
ODAAN OROMOOTAA BAKKİ İTTİ MURAMEE,
ABDİİN WALABUMMAA BAKKİ İTTİ DHAAMEE,
MORMİ OROMOOTAA BAKKİ İTTİ HAAMAMEE,
ACHİGAA DİRREENSUN DHİİYNİ OROMOOTAA BAKKİ İTTİ DHİMAMEE,
OROMOON DURİİSAA ABBAA BİYYAA TUREE,
ABBAA OROMİYAA ABBAA MİRGAA TUREE,
İF BULCHUUDHA TUREE SİRNA GADAA JAAREE,............itti fufa kutaan 2daa.


hello every one