1 Eylül 2009 Salı

ETHİOPİAN REGİMES:İNTRODUCTİON PART 1

The current Ethiopia was created by Habasha ethnic group of northwestern today of the country through bloody war in 1900.

Ethiopia,officially the Federal Democratic Republic of Ethiopia, is a landlocked country situated in the horn of Africa. İt is bordered by Eritrea to the north, Sudan to the west, Kenya to the south, Somalia to the east, and Djibouti to the northeast. İt has an estimated population of over 80 million. İts capital is Finfinne (or the current Abyssinean name "addis ababa").

Ethiopia is one of the new state since its creation in 1900 and Africa's second-most populous nation.

Habashan "solomonic dynasty" according to legend began with the reign of Emperor Menelik I in 1000B.C. İn reality, the Habasha has no historical relation to the "solomonic dynasy". İnitially, it was claimed by the armed group of Neftenya(the rebel group from northern part of todays Ethiopia which massacred the current Ethiopian population for long time) in which came to power in 1887( Emperor Menelik), which is finally created todays Ethiopia through bloody war. Since the creation of Neftenya Empire on the Current Ethiopia since 1900, all successive Habasha ruler claimed the line of "solomonic dynasty". Solomonic dynasty was an ideology politically and ethnically motivated by the habasha of todays north western Ethiopia till 1974,even if there is still effect on the country.

Ethiopia has the largest number of UNESCO World Heritage sites in Africa (shares position with South Africa),even if there is still discrimination infavor of only Habasha-orthodox heritage. And the country is famous for its olympic distance athlets. The most famous Ethiopian world athlets are:Abbaba Biqila,Mamo Wolde, Kenenisa Bekele, Derartu Tullu, Gazzany Aberra,Tirunash Dibaba,Fatuma Roba, Galate Burqa,Silashi Sihine, Meseret Defar, Haile Gebreslasi, and other.

İn outside of Ethiopia, the country was also known as Abyssinia,derived from habesh, an early Arabic form of the Ethnosemetic name of Amhara-Tigray. The term habesha, strictly speaking refers only to the Amhara and Tigray-Tigrigna people who have historically dominated the country for a century. So i want to make clear that, habasha or abyssinia strictly refers to just the north-western Ethiopian provinces of Amhara and Tigray.


ETHİOPİAN DYNASTİES
Zagwe dynasty ruled many parts of modern Ethiopia and Eritrea from approximately 1137 to 1270. The name of the dynasty comes from the Cushatic speaking Agaw people of northern Ethiopia.From 1270 A.D on for many centuries, the solomonic dynasty followed.The solomonic dynasty had claimed by Neftenya rebel group,in which the the gang of rebels came to power in 1887 and created Ethiopia through blood in 1900.


ZEMENE MESAFİNT(WAR OF LORDS)
İt was happened from 1755-1855,called the Zemene Mesafint, or "Age of Princes", the Emperors became figureheads, controlled by war lord like Ras Mikael Sehul of Tigray, and by the Oromo Yejju dynasty, which later led to the 17th century Oromo rule of Gondar, changing the official language from Amharic to Afan Oromo.

SHORT HİSTORY OF TEWODROS II
İn 1855,he came to power in todays northern part of Ethiopia. And he was the first rebel force which aimed to expand habasha's territory toward the south. However he faced harsh freedom fighters mainly from Oromos, and he finally encircled and killed by an Oromo-Wollo woman. However, in the habasha history,the death of Tewodros II is distorted because of the shame he killed by an Oromo woman. Thus,the death of Tewodros by an Oromo woman is the headeche of the all habasha,they distorted and said that...."The hero killed himself".

LANGUAGES
Ethiopia has so many different languages,some of these are:Afan Oromo, Somali,Afar,Saho,Amhara,Tigrinya,Gurage...and other.
The most spoken language in Ethiopia is Afan Oromo,though Amharic is an official languages of the country.

DEMOGRAPHİCS
The current total population of Ethiopia is more than 80 million.The country's population is highly diverse,most of its people speak Afro-Asiatic language,in which Cushatic languages morethan half.
The Oromo are the largest ethnic group in Ethiopia at 40%, while Amhara-Tigre ethnic groups accounts 33%, Somali 6.20%,Sidama 4.01% etc.
by ibrahim mohammed abdella
midaga2005@yahoo.com

HİN İRRAANFADHU!!!

Harka wal-qabannee karaa wajji seennee,
İmaltu yaa'utti jirraa manaa wajji baanee,
Amna jabdutti jirraa eega karaa buunee,

Yoo aduun nugubdees gaaddisatti maqaa,
Yoo dheebuun nuqabdees bishaan keenya dhugaa,
Karaalleen nu hin meysu diriiraa uugaa,
Odoo yaa'utti jirruu amna teenya sunii,
Rabbiin guddaalleen karaa nunmeysinii,
Yaa takkittiitoo siifan dhaama anii,
İlmi namaa badaan adda nunbaasinii,

Jaalala dhugaa teessoon isii onneedhaa,
Hin sodaatinii koottu takkaan si dhungadhaa,
Shamarran ganda kootii akkaani hedduudhaa,
Aaddee jiruu tiyyaaf siitu naaf irra wayyaadhaa,

Jechi kee bareedaan xaliilli akka gaazaa,
Yeroo naan dubbattu garaa koo naraasaa,
Halkan hirriiba hin qabuu kaasee nateessisaa,
Mee furmaata laadhu maali dawaan isaa,

Ejjataaniin beekaa ani deemicha keetii,
İjaan arkuu baadhuus onneen too nabeeyitii,
An jaaladheetiin jiraa kunoo akka naaf beeyitanii,
Waan biraa hunda osoo narraa dhiisanii,
İddoo dhihana kootii isuma naaf buusanii,
Qoonqoollee hin yaadadhu hanga baatii shanii,
Yooniin waa tahee aaraan dhufe karaa,
Kokkoflaa na afaan fiiydee na olneyixi karraa,
Jaalala tee na jira mee koo nabaasi dharraa,
Haaluma yarootiitu an nafageesse sirraa,
Halkanii guyyaa yaaduma keetiin hiraaraa,
Waa fedheetiimi ani fagaachuun koo sirraa,
Haaluma jiruu tanaatu yaaboo na ammaraa,

Laga keessaan jiraaf qullaa waa hin dhiqadhuu,
İrraahiin fagaadheef takkittiitoo hin dagadhuu,
İsii wajji malee kophaakoo hin jiraadhuu,
Gurra itti qabiitii qaceellotti naa hubadhuu,

Kan dire irraanfatuus diramaan hin dagatuu,
Warri arra numiidhuuf haala mijjeefatu,
Kan gamaa gamasii quba nutti laatu,
Yeroon numa dhufti tana akka yaadatu,..X2


28 Ağustos 2009 Cuma

AFAAN OROMOO


Afaan Oromoo afaan saba guddaa,
Siini hojjatanii Oromoonni hundaa.

Afaan Oromoodhaa yeroo xiqqo dura,
İttiin baratamnee akkanumajjiraa,
Bakka tana gehee hamdiidha gaa arra,
Ani gama kiyyaan gammachuun tan biraa,
Galata rabbii mee maalumaan himaa,
Amma gammachuudhaa wiliis gammachumaa,
Kan itti barannuus afaan keenyumaa,
Wilii barachuudhaaf mirga guutu qabnaa,
Qubee barachuudhaaf maalif harkifannaa,
Silaa osoo beynee mataa dura taanaa,
Mirga gaarii qabnaa barachuudhaaf ammaa,
Qubee afaan keenyaa baradhaa yaa nama,

Xiqqaa fii guddaadhaan kan dhalaa fi dhiiran,
Hawwaniif manguddoon kan dubraa dhiiraa,
Barnoota baradhaa boruu miti arraa,
Mirga barachuudhaa arkanneeti jirraa,
Kanaafuu barachuu eegaalaa ammarraa.

Guyyaanis nuuf ifee halkan nuuf barihee,
Afaan Oromoodhaa kan barnoota tehee,
Qabsoo gootaatiin nuus birallee gehee,

Oromiyaa mara keysa naannoolee hundaatti,
Baratamaajjira afaan Oromoottii,
Warreen fedhii qaban dhiiraa dhalaadhaan,
Barachutti jiran afaan Oromoottii,
Xiqqaa guddaadhaan hanga manguddoottii.

Barnoota keenyarraa of boodan deebinuu,
Doktor piroofeesar masteer hanga taanuu,

Biyyoonni adda addaa beekkumsaan kutanii,
Ji'arra koranii qorachujjiranii,
Tolchan janna malee wahi balleessanii,

Beekkumsa qabaniin hujii mullisanii,
Boodannu dhiisanii isaan nu dabranii,
Nutiis numa geenya bakka isaan gayan,
Bifa nu laalanii maaf nu tuffatanii,

Awwaalamnee turree gadigaloo namaa,
Mirga keenya dhabnee galgalaa ganamaa,
Rakkoon dabarsine wahi takkaa lamaa,
Sun hundi dabartee hin jirtu gaa amma,

Harargee,Sidaamoo,Arsii Wallaggaa fi Baalee,
Marti Oromootaa baradhaa qubeellee,
Jaaruuf Oromiyaa boonsisuuf ammallee,

Qubee Oromootiin barruun waliif galaa,
Jaarmaya wallaalummaa cabsaa bahaa hulaa.

Afaan Oromoodhaa hin hafu dhokatee,
Dagaagee haa guddatu barruudhaan dhihaatee,
Mataasaa danddayee biyya akka guddisu,
Aanaan keenya hundi barreessee haa dubbisu,
Oromootaan arra ifa bahee.

Afaan Oromoodhaa kan barnoota tehee,

Yaa ilmaan Oromoo dhaamsaan isiniif dhaamaa,
Kan dabrerraa baraa hin tahinaa jaamaa,

Oromummaa keenya jabaannee haa beynuu,
Afaan saba keenyaa kaanee haa gabbisnuu.

Dhiiga gootaatiin magartee guddattee,
Wareegama qaaliin arra ifa baatee,
Qubee afaan Oromoo jechuun moggaafamtee,
Gammadi yaa qubee haqni kee mullatee.

Yaa qubee qooqa saba guddaa,
Siini barreesina seenaa keenyaaf aadaa,

Bu'aa kee ni beynaa wahi dagannaa,
Waan barbaanne hunda siini barreysinaa,

Laafaa fi Jabaa dheeraa fi gabaabaa,
Sirna tuqaaleetis hundaahuu ni qabaa,
İtti fayyadamuuf wahi nama dhibaa,
İrra butaa hudhaan seenu ja'atuu qabaa,
Gammadi yaa qubee qooqa Oromootaa,
Kan bu'aa kee beeku hundi si jaalataa.

Gammadi yaa qubee hayni kee mul'atee,
Kan dur si tuffatu hara si jaalatee....X2.
BY İBRAHİM MOHAMMED ABDELLA(BARARTİ).



26 Ağustos 2009 Çarşamba

ODE TO ODAA


According to Egyptian mythology
İts leaves were used as medicine by our ancestry.
Odaa-
The great sycamore tree
Home of the brave on land of the free.
My people gather from every constituency
To participate in chaffe meetings that is Oromo democracy.
Gadaa-
Long before even Plato knew about it
My people have been practicing it.
Nancy Pelosi and Nicolas Sarkozy
Got nothing on Oromo democracy.
This pragmatic and egaliterian system
Don't you mistaken it for a phantom.
İt is real!
My forefathers invented it
We still have the Odaa to show for it
A forty year cycle with eight years term
Five parties tasked to run the system.
Sitting under the Odaa tree issues to address
Elections and rule of law by Oromo congress.
With the wisdom of cabinet members and council of elders
Redress of grievances with judicial independence
What more one can ask for?

20 Ağustos 2009 Perşembe

BAKHULEE


Bakhulee jedhamaa jiraa nyaanni fooyyeessaa,
Bakki irraa dhufuus laga yaatuu keeysaa,
Bakki inni itti gurguramuus MAGAALAA SOQAA keeysaa,
Waa qissaa qissaa bakhulee jabeessaa,...X2
Akka bunaa fi jimaa dikhetti dhiheessaa,
Mataa gubbaadhaa gad qottii joolleerraa fageessaa,
Nama singiggeessaa ifirraa qabbaneessaa,
Safii namarraa balleessaa saanaan dhiheessaa,
Dhaabuun isaa sin dhibuu khataaruma kheysaa,
Firraa irraa dhiqaa xirracha biyyee kheysaa,
Yeroon si dhaqqabaa jala shidaa bobeeysaa,
Qushaashaan sin cinquu Haashimi bilcheeysa,
Soogiddan barbaachisuu if keessaa qaba mi'eysaa,
Waa qissaa qissaa bakhulee jabeeysaa,
Akka bunaa fi jimaadhaa dikhetti dhiheessaa,
Beela balleysaa dhaabuu jajjabeysaa,

Bakhulee abbaa iimaana ziqii,
Khanaafuu qabdaa yerumaan natti siqii,
Disxii qabdaa yerumaan natti lixii,
Lama nyaannaan joolleen hirriiba dibii,
Sadii nyaannaan anaafi atiis hirriiba dibii,
Yaa intal natti as siqii,.

16 Ağustos 2009 Pazar

GAAFATTİİ CALANQOO(KUTAA 3)


...İsaan isaan jechaa maaliin oolaa mitii,
yoon hime hoo maali kaleen arraa mitii,

Masaanuun Oromoo bineeyyiin akkanaa,
İsaan isaanumaa nu hundi ni beeynaa,
Maaltu gaa ja'amee Nafxanyaadhaan baanaa,

Dirreen seenaadhaa sun dirreen gootowwanii,
Dirreen murti guutoo dirreen jeynawwanii,
Dirree sani kunoo CALANQOON baananii,
Asii bar abbootiin kumaatam tahanii,
Bakki itti dhuman roorroo deebisanii,
Eeboodhaafi seyfiin wa jiqraan a'anii,
Kuun osoo harca'uu gubbaan utaalanii,
Afaan madaafaallee subbaan cuqqaalanii,
Bakki itti dhuman lafee harcaasanii,
Dirree sani kunoo CALANQOON baananii,
Tulluuleen gurguddoon jalli lafee sanii,
Kaabii oyruu keeysaa lafeedha seetanii,
Mee haadhaati laalaa jilba OROMTİCHAA kan abbaa keessanii,
Biyyeen nyaachuu diddee lafee gaafa sanii,

Hoggaa habaleedhaan mormi shalagamee,
Hoggaanis eeboodhaan cinaachi diramee,
Hoggaadha mana shiriin mormi mogalamee,
Hoggaani madaafaan foon saa kishifamee,
Dhiyni isaa hoo ka gaafas naqamee,
Laata dhiiyni wayi yaa'ee laga simee,
Moo dhiiga jaraatiin walitti laaqamee,
Lafeen kunoo teysii dhiiyni maalif dhumee?

Hin banne dhiyniniis bakka jiru jiraa,
Dhiyni namaan baduu dachii keeysa turaa,

Dhiiyni gad naqamee biyyeen wal arkannaan,
Numa tura malee hin badu abadan,
Ja'anii abbootiin dur hoggaa makmaakan,
Wallee joollummaadhaa naan galle ture an,

Hangam yoo turellee dhiiyni biyyee keessaa,
Yeroo saa eeggatee hin oolu meyruu saa,

Kamurti guutootiis meyri dhiiyni saanii,
Numa kana kunoo meyri dhiiga sanii,

Mee joolleen İTUUDHAA KA CARCARCARİİ dhuftan,
İlmaan ANNİYYAATİİS kan gammoojjii dhuftan,
Kan AFRAN QALLOOTİİS warri as jiraattan,
OROMOON martinuu warri kutaa bahaa tirraa as dirmattan,
Gaafii takkaan qabaa akka naaf deebiftan,

Qabrii abbaa keenyaa nu hundi ni beynaa,
Tan abbaa guddaa hoo mee eenyu gaafannaa,

Abbaan guddaan du'uus bar du'en ja'amuu,
Du'a dhiiraa du'ee tan itti kabajamuu,

Awwaalchi isaatiis ganda keessaa mitii,
Bakkittoo beekkamtuu tan seena qabeettii,
Dirree sani kunoo calanqoon lolaatii,

Seenaa dirree sanii durattuu ni beynaa,
Beekaa usne malee arra ni dubbannaa,
Lafee abbootii teenyaa arra irra dhaabbannaa,
Meekoottaa gaaddisaan odaarra dhaabbannaa,
Siidaa yaadannoodhaa siideysuudha qabnaa,

GAAFATTİİ CALANQOO jarri gubbaa dhufnaan,
Dhufa NAFXANYOOTAA tulluurraa lallabnaan,
Bokkuun herragamee lolli weyraramnaan,
Caayaan bakkaa kaatee roorroon gali jannaan,

İlmaan BAREENTUMAA walillallabanii,
Abdullaa mootillee if maddii buusanii,
Lolaniiti turan lubbuu wareeganii,

Silaa maal godhan gaa dubbiin daba haftee,
İsaan harka duwwaa jarri kan hidhatee,
Madaafan dhaqqabduu Eeboon yoo darbamtee,
OROMOON tun eysaa onnee qofaan loltee,
Jarri tumsa qabaa bargamaatillee;dirmachuun ni dhuftee,
JEEYNOOTİİN CALANQOO akkas cal taatee,
Achii as Oromoon tan dur Abbaa Biyyaa gabra namaa taatee,
NAFXANYAAN gaafasii ganda keessa galtee gooftaa keenya taatee,
Afaan keenya hafee SİMAA BALUUN dhuftee,
Jaarsi gabbaar tahee jaartiin qunnaa fuutee,
JAHANNAM AKKANAA OSOO ADDAN CİTİN BARA DHİBBA GUUTEE,
Arra rabbi hamdii sun hundinuu haftee,
Hammi dhumees dhumee kan hafee bariitee,
DAADEEN MALKANYOOTAA QARRİNFOON NAFXANYAA BUBUQQAATEE,
Dubbiin miila bakar achi buutee taatee.(XUMURAME).
by ibrahim mohammed abdella(bararti)
http://diredhawa.blogspot.com






15 Ağustos 2009 Cumartesi

TANİİN JAALLE SUMA...




Gaafa roobni roobe Karrayyuun mandi'aa,
Eysumaa naa baate yaa bareedduu akka ji'aa,

Barzaafiin mukumaa maaltu gamaa fide,
Taniin jaalle sumaa si maaltu na fide,

yaa Adaree biyyoodhaa Karra hammarreysaa,
Jijjigarraan gad laali magaalaa Hargeysaa,
Kee garaan ne dheysaa kiyya eysaan geeysa.
by ibrahim mohammed abdella(bararti)
http://diredhawa.blogspot.com

SOBA



Sobni karaan qabu yeroo takka malee,
Lammatan deebi'u karaa irra dabre,

Karaan sobaan dabran deebiin nama dhibaa,
Dubbiin nama sobaa afaan isaa dhibbaa,

Namni soban beeyne sobaan hin bitamuu,
Du'ee dabra malee dhugaa maleen himuu,

Namni soba bare afaan qoraafataa,
Gaafa dhugaa arke mataan lafa qotaa,

Sobduun namaa mitii namuutuu ni beekaa,
Beekaa dantaa saatiif cubbuudhaan kakataa.
by İbrahim mohammed abdella(baraarti)
http://diredhawa.blogspot.com

11 Ağustos 2009 Salı

OROMİAN GİRLS ARE THE BEST


OROMİAN GİRLS

HİSPANİC GİRLS ARE PRETTY,
RUSSİAN GİRLS ARE SMART,
BUT İT TAKES AN OROMİAN GİRL
TO WİN A FELL'S HEART.
PHİLLİPİNO GİRLS ARE TAN,
JAMAİCAN GİRLS GOT FLOW,
BUT WHEN YOU WANT THE BEST LOOKİNG GİRL,
OROMİA İS WHERE YA GOTTA GO.
WHİTE GİRLS ARE WİLD,
BLACK GİRLS ARE FUN,
BUT AN OROMİAN DYME İS NUMBER ONE!
GİRLS WİLL BE GİRLS.NORTH,SOUTH,EAST,WEST.
BUT A CHİCK OUT OF OROMİA
ALWAYS RATES THE BEST.
TO ANY MAN WHO READS THİS AND
TRULY WANTS TO KNOW
İF YOU HAVE AN OROMİAN GİRL,
YOU SHOULD NEVER LET HER GO!!!
by İBRAHİM MOHAMMED ABDELLA(BARARTİ)
http://diredhawa.blogspot.com





SHAGGOOYYEE


SHAGGOOYYEE

Nama maqaan Fahmii maal irraa gaafattaa,
Hamartilleen qabuu maal narraa baafatta,
Warri kheenya hamaa kheysaan habruu gamaa,
Yoggaa gala deemtu wahiin sitti dhaama,
Hallayyaan kullubbuu sindee malee hin nyaattuu,
Sindeen sun roga malee hin taatuu,
Tujjaara heerumuun hiree malee hin taatuu,,
Kheenya gumoo galaa jalli odaa suutaa,
Hantuutaa salaatu bashoon gosaa fuuta,
İbiddaan bobeessaa daaraan barbadeessaa,
Jaalalaan odeessaa rafte moo dhageessaa,
Looniin bobbaa yaasaa, loon loonirraa maysii,
Gororri khee deymaa harkarrannaa beysi,.

31 Temmuz 2009 Cuma

GAAFATTİİ CALANQOO(KUTAA 2)



...Gaafa sirna gadaa gaafa bilisummaa,
Wal dhimuu hin turree hundi walabumaa,
Namuu dandeeyyiidhan madaalamaan yaamamaa,
Angoonis filmaataan qondaalli muudamaa,
Abbaan bokkuu, abbaan biyyaa, mataan biyya tanaa,
Ummataan filamee mootummaa hogganaa,

Yoo yeroo isaa fixees siree irratti hin diduu karaarraa hiiqaafi,
Oromoon Oromoo gosaan walin caaaluu,
Sabummaa saa malee naannoon walin filuu,
Dandeeyyii isaatii kan isa madaaluu,

Gaafas amantiinis yoom adda addaa,
Gaafas amantiinis yoom addaan duullataa,
Takka amantiinsaa waliin Waaqeffataa,

Gaafa sirna gadaa gaafa dimokraasii,
Abaabuun keenya sun Oromoon gaafasii,

Rakkoon qaban turan rakkoodhaaf hin uumnee,
Lafti Oromiyaa tan copxuu hin guunee,
Shanan gannaa dhiisii tan bonaa hun caamne,
Dachii qotee dhiisii beeyladaa horsiifatee,
Firii mukaatiinuu ni waara guurratee,

Masaanuun isaanii kanuma laalanii,
Bosonaa fi laggeen albuuda isaanii,
Durooma Oromootaa quudhuudhaaf didanii,
Hiyyummaa saaniitiin wal maddii qabanii,
Badhaadha Oromiyaatti hinaafanii,
Sobanii qeenfachuuf jabotti yaadanii,
Jaarmaya Oromootaa goguu dadhabanii,
İfirraa itti duulan Eeboo qoratanii,

Oromoon goototaa kamoohameen gallee,
Maalummaa Oromoo numan beyne malee,
İttiin duula silaa ni gunatan malee,

Takarrallee lamaa, lamarrallee sadii,
Jihaa hundaanuu asiis achiinis,
MATAYYAANİS tahaa dirmachuu wajjiiniis,
Oromotti duuluuf wardaa buqqaasanii,
Cabaniiti galan qaanii mudatanii,

Oromtichi arjaa kadhatanii dhiisii beeke namaa laataa,
Niis gamna Oromoon obsaas ni guddataa,
Naman tuqu malee hin oggolu tuqan oggolchee dhoorkataa,
Ragaa dubbii tanaa isaanuu ni beekan seenaatu dubbataa,

Oromoon dureessaa isaan caalaa qabaa,
Tanaaf hundi saanii hiyyoomsuuf gaggabaa,

Oromoon quufaadhaa isaan ni gororan,
Tanaaf martisaanii ilkee ciniinnatan,

Oromoon hin xuuynee isaantu itti duulee,
Oromoon hin dheynee isaantu isaanitti duulee,
Kamurruq tahe ammaas isaanuma ammallee,
Oromoon hin dhaynee isaantu itti dhufee,
Warra dhufe keessaa wayyabni isaanii karaa irratti hafee,
Warra dhufe taatuus yoom takkaa rafee,
Sammuun beelan baanee qochumaa isaanii garaa qofaa quufee,

Oromoon Oromoo isaaniis isaanii,
Masaanuun Oromoo garaa jabaatanii,
Naasuu ittin uumnee busaawaa daranii,
Laalan miilli lamaa nama fakkaatanii,
Gochi isaanii immoo bulbullee daranii,

Namni nama tahuun namummaa qabaatuu,
Nama hin ju'uun ani walleenuu ni buttuu,
Warri qarrinfoodhaa kafoon namaa nyaatu,
Dhiiga dhugduun balaa kan mama qeenfatu,
Warra miilli saanii osoo dachiin jirtuu namarra ajjatu,
Warra jechi saanii harka saanii daran dhiiysee nama laaleysu,
Ka'arrabni saanii lafee nama cabsuu,

Qaamni xoolaqiidhaa miilli saanii lamaa,
Hangullaan bineensaa qaamni gubbaa namaa,
Uumaan akkanaa kun isaan kun Eeenyumaa?

İsaan isaan jannee maa rakkannaa mitii,
yoon hime hoo maali kaleen arraa mitii,

Oromoota Walloo isaani ka gatee,
Warqituu mastawaat siree isiirraa kaatee,
Oromoota Shawaa kamooraa Guullallee,
Naasuu takka malee isaani ka qalee,

Neeqaa Qeellanii fi ka İlluu Abbaa Boor,
İsaani ka diige masaraa Abbaa Jifaar,

Dargaggoota Baalee ka harka irraa ciree,
Dubartoota Arsii ka harma irraa muree,
İsaani AANOOLEE kafafeysee haree,

Booddee maayyiirrattis ka dhiiga nu dhiman,
Bar dhibbaa akka arraa kan nu qaqqalan,
Gaafattii Calanqoo abbootii Oromoo bakki itti gorra'an,
CALANQOO CALİİDHAA dirree tana kunoo bakki itti nu a'an,
Dirreen tun haa himtuu waan isaan nu godhan,
Seenaa saati malee himee dandayu an.........................(İTTİ FUFA KUTAA 3)







Blogger Buzz: Contribute Gadgets to Blogger

Blogger Buzz: Contribute Gadgets to Blogger