28 Ağustos 2009 Cuma

AFAAN OROMOO


Afaan Oromoo afaan saba guddaa,
Siini hojjatanii Oromoonni hundaa.

Afaan Oromoodhaa yeroo xiqqo dura,
İttiin baratamnee akkanumajjiraa,
Bakka tana gehee hamdiidha gaa arra,
Ani gama kiyyaan gammachuun tan biraa,
Galata rabbii mee maalumaan himaa,
Amma gammachuudhaa wiliis gammachumaa,
Kan itti barannuus afaan keenyumaa,
Wilii barachuudhaaf mirga guutu qabnaa,
Qubee barachuudhaaf maalif harkifannaa,
Silaa osoo beynee mataa dura taanaa,
Mirga gaarii qabnaa barachuudhaaf ammaa,
Qubee afaan keenyaa baradhaa yaa nama,

Xiqqaa fii guddaadhaan kan dhalaa fi dhiiran,
Hawwaniif manguddoon kan dubraa dhiiraa,
Barnoota baradhaa boruu miti arraa,
Mirga barachuudhaa arkanneeti jirraa,
Kanaafuu barachuu eegaalaa ammarraa.

Guyyaanis nuuf ifee halkan nuuf barihee,
Afaan Oromoodhaa kan barnoota tehee,
Qabsoo gootaatiin nuus birallee gehee,

Oromiyaa mara keysa naannoolee hundaatti,
Baratamaajjira afaan Oromoottii,
Warreen fedhii qaban dhiiraa dhalaadhaan,
Barachutti jiran afaan Oromoottii,
Xiqqaa guddaadhaan hanga manguddoottii.

Barnoota keenyarraa of boodan deebinuu,
Doktor piroofeesar masteer hanga taanuu,

Biyyoonni adda addaa beekkumsaan kutanii,
Ji'arra koranii qorachujjiranii,
Tolchan janna malee wahi balleessanii,

Beekkumsa qabaniin hujii mullisanii,
Boodannu dhiisanii isaan nu dabranii,
Nutiis numa geenya bakka isaan gayan,
Bifa nu laalanii maaf nu tuffatanii,

Awwaalamnee turree gadigaloo namaa,
Mirga keenya dhabnee galgalaa ganamaa,
Rakkoon dabarsine wahi takkaa lamaa,
Sun hundi dabartee hin jirtu gaa amma,

Harargee,Sidaamoo,Arsii Wallaggaa fi Baalee,
Marti Oromootaa baradhaa qubeellee,
Jaaruuf Oromiyaa boonsisuuf ammallee,

Qubee Oromootiin barruun waliif galaa,
Jaarmaya wallaalummaa cabsaa bahaa hulaa.

Afaan Oromoodhaa hin hafu dhokatee,
Dagaagee haa guddatu barruudhaan dhihaatee,
Mataasaa danddayee biyya akka guddisu,
Aanaan keenya hundi barreessee haa dubbisu,
Oromootaan arra ifa bahee.

Afaan Oromoodhaa kan barnoota tehee,

Yaa ilmaan Oromoo dhaamsaan isiniif dhaamaa,
Kan dabrerraa baraa hin tahinaa jaamaa,

Oromummaa keenya jabaannee haa beynuu,
Afaan saba keenyaa kaanee haa gabbisnuu.

Dhiiga gootaatiin magartee guddattee,
Wareegama qaaliin arra ifa baatee,
Qubee afaan Oromoo jechuun moggaafamtee,
Gammadi yaa qubee haqni kee mullatee.

Yaa qubee qooqa saba guddaa,
Siini barreesina seenaa keenyaaf aadaa,

Bu'aa kee ni beynaa wahi dagannaa,
Waan barbaanne hunda siini barreysinaa,

Laafaa fi Jabaa dheeraa fi gabaabaa,
Sirna tuqaaleetis hundaahuu ni qabaa,
İtti fayyadamuuf wahi nama dhibaa,
İrra butaa hudhaan seenu ja'atuu qabaa,
Gammadi yaa qubee qooqa Oromootaa,
Kan bu'aa kee beeku hundi si jaalataa.

Gammadi yaa qubee hayni kee mul'atee,
Kan dur si tuffatu hara si jaalatee....X2.
BY İBRAHİM MOHAMMED ABDELLA(BARARTİ).



Hiç yorum yok:

Yorum Gönder