11 Ağustos 2009 Salı

SHAGGOOYYEE


SHAGGOOYYEE

Nama maqaan Fahmii maal irraa gaafattaa,
Hamartilleen qabuu maal narraa baafatta,
Warri kheenya hamaa kheysaan habruu gamaa,
Yoggaa gala deemtu wahiin sitti dhaama,
Hallayyaan kullubbuu sindee malee hin nyaattuu,
Sindeen sun roga malee hin taatuu,
Tujjaara heerumuun hiree malee hin taatuu,,
Kheenya gumoo galaa jalli odaa suutaa,
Hantuutaa salaatu bashoon gosaa fuuta,
İbiddaan bobeessaa daaraan barbadeessaa,
Jaalalaan odeessaa rafte moo dhageessaa,
Looniin bobbaa yaasaa, loon loonirraa maysii,
Gororri khee deymaa harkarrannaa beysi,.

Hiç yorum yok:

Yorum Gönder