15 Ağustos 2009 Cumartesi

SOBA



Sobni karaan qabu yeroo takka malee,
Lammatan deebi'u karaa irra dabre,

Karaan sobaan dabran deebiin nama dhibaa,
Dubbiin nama sobaa afaan isaa dhibbaa,

Namni soban beeyne sobaan hin bitamuu,
Du'ee dabra malee dhugaa maleen himuu,

Namni soba bare afaan qoraafataa,
Gaafa dhugaa arke mataan lafa qotaa,

Sobduun namaa mitii namuutuu ni beekaa,
Beekaa dantaa saatiif cubbuudhaan kakataa.
by İbrahim mohammed abdella(baraarti)
http://diredhawa.blogspot.com

Hiç yorum yok:

Yorum Gönder